Monday 3 March 2014

walaloo shaggooyyee

"Walaloo shaggooyyee"
 
Waliyoota jachuun nama yaada faquu,
Hiriyyoota jachuun lameen wal nafaquu,
Akkam jirta kuullee nuura guyyaa baqu.

Caffee afaan lagaa haamii na haamsisii,
Guntuta kee kurfaa laphee na maxxansii.
Si malee yoon kofle waasii na yaamsisi
...

Karaa dirree dhawaa gaalli kushee ciisee,
Jaalala jalqabaa sumaa na barsiisee
Rabbiinu nan dhiisin ani yoon si dhiisee.

Gaara kanaan gubbaa kuruphoo daalatti.
Hiyyeessa hiriyaan kabalaan aaggattii,
Kabala qofaa miti dhitichaaf laallatti.

 

Daadduma isaatti gaalli muka raabaa,
Namni wal jaalate murtii lama qabaa,
Takkaa wal arkataa yookaa'mmoo wal dhabaa,
Murtiin tan Rabbiiti tan namaa sababaa.

Gaalli numa ciisa malee'n gangalatuu,
Rabbiin walin dhoorkin lameen wal jaalatuu,
Walitti haa fiduu kan halaalaa rakkatuu,...

Labooba jaalalaa akka hobbaafatuu.

Hadaammii karraa dheertuu bubbee lulee jiiysee,
Jaalalleewwan lamaan carraan addaan fageeysee,
Osoo wal yaadanii biyyaa biyya buusee,
Walitti haa deebisu gooytaan addaan baase..

 
BY Saphaloo Kadiir

No comments:

Post a Comment